Read more

Apr 28, 2026 .

Manni Maree Daldalaa fi Waldaalee Sektera  Itiyoophiyaa Giddu galaa Gabaa bifa haarawaan ijaarsise eebbisiisuun, diizaayinii Waajjira Muummichaa haarawaa ijaaruuf qopheesses iftoomsuun  dhakaa bu’uuraa kaa’eera.

Manni Maree Daldalaa fi Waldaalee Sektera  Itiyoophiyaa Giddu galaa Gabaa bifa haarawaan ijaarsise eebbisiisuun, diizaayinii Waajjira Muummichaa haarawaa ijaaruuf qopheesses iftoomsuun  dhakaa bu’uuraa kaa’eera.
Sirnichis kan raawwate bakka qondaaltonni mootummaa olaanoo, miseensonni boordii daayirektaroota mana marichaa ammaa fi duraanii, akkasumas bakka bu’oonni dhaabbilee idil-addunyaa fi  keessummoonni gara garaa argamanitti gaggeeffameera.

Saganticha irratti kan argaman Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannoo  Dooktar Kassahun Gofe akka jedhanitti, manni marichaa  damee dhuunfaa bakka bu’uun hojiiwwan hedduu hojjechaa kan ture yoo ta’u, wiirtuu deggersa tokkummaa, abukaatummaa imaammataa, daldala ammayyeessuun, ce’umsa dinagdee mootummaan durfamu irraa gara dhuunfaan durfamuutti haala mijeessuuf itti gaafatamummaa isaa haalaan bahuu  akka qabu hubachiisaniiru.

Gamoon Waajjira Muummichaa Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Sektera  Itiyoophiyaa bara 1957 erga eebbifamee kaasee haaromsi utuu hin godhamiifiin  kan ture yoo ta’u, wayita ammaa.kanatti miisoma.koridarii akka Magaalaa Finfinneette eegame waliin haala.walsimuu danda’uun qulqullinaa fi miidhagina gamoo, akkasumas kenniinsa tajaajila daldalaatiif haala mijatuun  fooyya’iinsi hedduun taasifamuusaa   Pireezidaantiin  Mana Maree Daldalaa fi WaldaeeSemtera  Itiyoophiyaa Obbo  Sabsib  Abbaafiraa Abbaajoobir beeksisaniiru.

Manni marichaa akka bakka bu’aa damee dhuunfaa biyyaalessaatti mootummaa fi qooda fudhattoota adda addaa waliin ta’uun misooma damee dhuunfaaf hojjechaa jira. Kana keessatti bu’aan abdachiisaa mul’achaa jiras jedhaniiru Obb Sabsib. Keessattuu erga Boordiin Daayirektarootaa haaraan filatamee itti gaafatamummaa fudhatee as gama kaayyoo isaa hojiirra oolchuutiin hojiin bal’aan mana marichaa keessatti hojjetamee bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’uunis ibsameera.

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Ethiopian Chamber of Commerce and Sectoral Associations

Contact Info

Mon - Fri : 8:00 AM - 05:00 PM
Sat : 8:00 - 06:00 PM
+251 115 514 005
info@ethiopianchamber.com
+251-115-517699
517

Office Address

Mexico Square, Addis Ababa, Ethiopia