Yaa’ii Waliigalaa 17ffaa Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Seektaroota Magaalaa Jimmaa fi Naannawa ishee milkii fi bu’a qabeessa ta’een xumurree jirra.

Yaa’ii Waliigalaa 17ffaa Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Seektaroota Magaalaa Jimmaa fi Naannawa ishee milkii fi bu’a qabeessa ta’een xumurree jirra.
Yaa’ichi gabaasa odiitii fi raawwii hojii fi karoora bara 2019 sagalee guutuun raggaasiseera.
Kana malees, Yaa’ichi Pirezidaantii fi Itti Aanaa Pirezidaantii fi miseensota boordii sagal filatee waggoota lamaan itti aananiif Yaa’icha tajaajiluuf akkasumas Gumichi Mana Maree Daldalaa Oromiyaa fi Waldaalee Seektarootaaf kaadhimamaa lama filateera.
Pireezidaantii Yaa’ichaa kan filataman obbo Najiib Kedir, Pireezidaantii Itti Aanaa Injinar Amiin Abaafitaa, fi miseensonni Boordii bara hojii milkaa’aa fi bu’a qabeessa akka ta’n, maqaa Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Damee Itoophiyaa fi Oromiyaa fi maqaa kootiin onneen hawwa.
Waggoota lamaan dhufan keessatti dandeettii dhaabbilee cimsuu, dantaa miseensota isaa eegsisuun, gahee damee dhuunfaa guddisuun itti gaafatamummaa keessan akka ba’attan amantaa guddaan qaba.
Gahumsaa fi sadarkaa raawwii hojii hawaasni daldalaa barbaaduun itti gaafatamummaa keessan bahachuu fi walitti dhiyeenyaa fi walta’iinsaan hojjechuuf tumsaa fi deeggarsa barbaachisaa ta’e isiniif kennuudhaaf qophii ta’uu koo isin mirkaneessa.
Kana malees, carraa kanaan itti gaafatamummaa guddaa Yaa’ichi mana maree naannichaaf akkan dorgomuuf imaanaa naaf kenneef galata koo ibsuun barbaada.
Kunis ciminaan hojjechuu fi guddinaa fi dorgomtummaa hawaasa daldalaa Itiyoophiyaa fi damee dhuunfaa Jimmaa fi naannawa ishee keessatti daran akkan gumaachu amantaa fi itti gaafatamummaa naaf kenneera.
Ergamni keenya inni guddaan waggoota lamaan dhufan keessatti dandeettii dhaabbilee fi tajaajila mana marichaa cimsuu, dantaa fi mirga miseensota isaa eeguu, dantaa waloo hawaasa daldalaa qindeessuun, gahee dameen dhuunfaa dinagdee naannoo fi biyyaalessaa, carraa hojii uumuu, invastimantii, fi dorgomtummaa guddisuu dha.
Akkasumas; Manni Maree kun dantaa miseensota isaa eeguu bira darbee mootummaa fi damee dhuunfaa gidduutti marii fi tumsa taasifamuuf riqicha ta’uun ni tajaajilu; akkasumas yaada haaromsa imaammataa haala daldalaa fooyyessuuf gargaaran ni kenna.
Kanaaf hoggansi haaraan kun miseensota, qooda fudhattootaa fi dhaabbilee biroo waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun ergama Mana Maree kanaa gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf ni hojjeta jedheen amana.
Manni Maree Daldalaa fi Iwoldaan sektera Itiyoophiyaa, Mana Maree Daldalaa fi woldaa sekteraa Jimmaa fi naannawa ishee dabalatee, manneen hojii sadarkaa sadarkaan jiran hunda waliin ta’uun, dantaa hawaasa daldalaa eegsisuuf, sagalee damee dhuunfaa cimsuuf, guddina dinagdee biyyaalessaa keessatti gahee isaa guddisuuf waadaa galuu koo irra deebi’ee mirkaneessuu barbaada.
Kabajamoo Sabsib Abafira Abajobir,
Pirezidaantii Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Sektaraa Itoophiyaa fi Oromiyaa

