የሸገር ከተማ የንግድና ዘርፍ ማህበራት ምክር ቤት እና የሸገር ከተማ አስተዳደር በከተማዋ እድገትና ልማት ላይ ተወያዩ።



የሸገር ከተማ የንግድና ዘርፍ ማህበራት ምክር ቤት እና የሸገር ከተማ አስተዳደር በከተማዋ የኢኮኖሚ እድገትና ልማት ለማምጣት ተቀራርቦ መስራት በሚቻልባቸው መንገዶች ላይ ተወያዩ።
ሸገር ምክትል ከንቲባ ዶክተር ተሾመ አዱኛ እና ምክትል ከንቲባ እና የኢኮኖሚ ክላስተር ኃላፊ አቶ ጉዮ ገልገሎ የሸገር ንግድ እና ዘርፍ ማኅበራት ምክር ቤት ስኬት ላደረጉት አስተዋፅኦ እና አበርክቶ ለምክር ቤቱ አመራሮች ምስጋና አቀርበዋል።
የሸገር ንግድና ዘርፍ ማኅበራት ምክር ቤት ፕሬዝዳንት መጋቢ አእላፍ ቀሲስ ታዬ ለታ የሸገር ንግድ ምክር ቤትን የስኬት ታሪክ በማመስገን ደስተኛ መሆናቸውን ተናግረዋል።
የፎረሙ አላማ ንግድ ምክር ቤቱ የታቀዱ ተግባራትን ከሴክተሮች ጋር በቅንጅት የሚተገብርበትን መንገድ ለመቅረፅ እና የሸገር ከተማን የወደፊት ለውጥ ለማረጋገጥ ነው።
የሸገር ከተማ ጠንካራ የኢኮኖሚ ከተማ ለማድረግ የንግድ ምክር ቤቱ መጠናከር አለበት ብሎዋል፡፡ በመቀጠልም የንግድ ምክር ቤቱ የሸገር ከተማን ልማትና ኢኮኖሚ በማሳደግ፣ ዘመናዊ ቴክኖሎጂን በማስፋት፣ ምርትና ምርታማነትን በማሳደግ፣ የህብረተሰቡን ኑሮ በመፍታት፣ ስራ አጥነትን በመቀነስ ዘላቂ ፀጥታን በማምጣት በኩል ትልቅ ሚና ተጫውቷል።
የሻገር ንግድ ዘርፍ ማኅበራት ምክር ቤት ዋና ፀሐፊ ዶ/ር ፋይዬራ በ2018 ዕቅድ ላይ ሰፋ ያለ ማብራሪያ ሰጥተው ከተለያዩ አካላት ጋር በቅንጅት በመስራትና ወደ ፊትም የምክር ቤቱን ግንኙነት በማጠናከር ላይ እንሰራለን ብለዋል፡፡

Manni Maree Daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Shaggar fi Bulchiinsa Magaalaa Shaggar waliin ta’uun haala guddina dinagdee fi misooma Magaala Shaggar fiduuf walitti dhiyeenyan hojjechuurratti marii bal’aan gaggeeffame.
Waxabajjii 11/10/2017 Magaala Shaggaritti waltajii waaree booda gaggeeffameen kabajamoo Dr. Tashoomaa Addunyaa, Sadarkaa Itti Aanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Kantiibaa Magaalaa Shaggarii fi kabajamoo Obbo Guyyoo Galgaloo Itti Aanaa Kantiibaa fi Itti gaafatamaa kilaastara Dinagdee Magaalaa Shaggar deeggarsaa taasisaanii fi milkaa’ina Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Shaggar keessatti qooda isaanii bahaniif sirna galateeffannaa fi beekamtii taasifameera.
Pirezidaantiin Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Seekataraa Shaggar Sooraa Seeraa Luba Taayyee Lataa haasaa baniinsa taasisanin qaama seenaa milka’iina Mana Maree Daldalaa Shaggar galateeffachuu fi beekamtii kennuutti kan gammadanii fi deeggarsa hanga ammatti taasisaniif sirna galateeffannaa qopheessuuf kan isaan kakaasee ta’uu ibsaniiru.
Kaayyoon waltajjichaa haala manni Maree Daldalaa Seektaroota qindoominaa waliin hojiilee karoorfaman raawwatamanii fi walta’iinsan jijjirama si’ataa egeree Magaalaa Shaggar itti mirkanaa’uu bocuuf gargaaru ta’uu Sooraa Seeraa Luba Taayyee Lataa dubbataniiru.
Magaalli Shaggar Magaala dinagdee cimaa taate mul’achuuf Mana Maree Daldalaa cimsuun dirqama kan jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Kantiibaa Magaalaa Shaggarii Dr. Tashooma Addunyaa misooma fi dinagdee magaala Shaggar ol guddisuuf, teeknoolojii ammaayyaa babal’isuuf, oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf, jireenya hawwasa hundeen furuuf, hoji-dhabdummaa hir’isuu fi nageenya waaraa fiduu keessatti Manni Maree Daldalaa gahee guddaa qaba jedhaniiru.
Barreessaa ol aanaa Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Shaggar kan ta’an Dr. Fayyeeraa Abbabaa waltajjii marii irratti karoora bara 2018 qaamota garagaraa waliin qindoominaan hojjechuu fi haala hariiroo Manni Maree gara fuula duraatti cimuu irratti ibsaa bal’aa taasisaniiru.

