Sagantaan baniinsaa Agarsiisa Daldala Idil Addunyaa Ityoo-Chaamber 14ffaa har’a Giddugala Agarsiisaatti gaggeeffameera.
Sagantaan baniinsaa Agarsiisa Daldala Idil Addunyaa Ityoo-Chaamber 14ffaa har’a Giddugala Agarsiisaatti gaggeeffameera.

Manni Maree Daldalaa fi Industirii Itiyoophiyaa Ministeera Daldalaa fi Tumsa Naannoo waliin ta’uun sagantaa guyyoota shaniif mata duree “Itiyoophiyaa Bitadhu” jedhuun oomishtoota biyya keessaa fi hirmaattota biyya alaa 200 ol ta’an irratti hirmaateera.
Agarsiisni daldalaa kun hawaasa daldalaa fi fayyadamaa walitti hidhuu qofa osoo hin taane, dabarsuu beekumsaa, kalaqaa fi teeknooloojii akkasumas gabaa qulqullinaa fi dorgommii irratti hundaa’e cimsuu kan dandeessise yoo ta’u, dameen dhuunfaa hirmaannaa biyyaalessaa bira darbee carraa naannoo fi addunyaatti fayyadamuuf haala gaarii irra akka jiru agarsiiseera.
Jiraattonni magaalaa Addis Ababaa fi naannawa ishee guyyoota 5 dhufaniif agarsiisa daldalaa kana akka daawwattan affeera.


